• Thu. Sep 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti dargaggeessi tokko waraana gabroomfataa PP’n ajjeefame

Mar 31, 2024

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Qabsoo bilisummaa saba keenyaa keessatti, kaayyoo qabsoo bilisummaa galii isaa burjaajessuu fi xurree walabummatti gufuu tolchuuf kanneen impaayera faarsan ergamtootni sirna bilxiginnaa uummata Oromoo irratti duguuggaa sanyii jabeessanii jiru.

Akka kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Dawoo Tobbii keessatti Bitootessa 28, 2024 dargaggoo Ayyaanaa Dagguu jedhamu bakka qonnaa iddoo addaa Dimbii jedhamutti waaree booda sa’a 11:00’tti bakka inni hojii isaa hojjetutti dhaquun waraanni maafi’aa PP ajjeesanii gatuun beekameera.

Miidhaa impaayerri Itoophiyaa uummata Oromoo irraan ga’aa jiru hayyoonni Oromoo fi namootni siyaasaa manneen hidhaa keessatti qaama hir’uu ta’uu fi dargaggoonni kuma dhibbootaan hidhamanii, gariiin ammoo dirqamaan dirree waraanaatti guuramuun du’aaf kan saaxilamaa jiran danuu ta’uunis yaaddoo fi egeree Oromootaatti dhiphina uumee jiraachuunis ni himama.

Qabsaa’ootni qabsoo bilisummaa saba Oromootiif wareegama hedduu kaffalaa jiranii fi hawaasa Oromoo qe’ee isaa irratti mirga isaa sarbamee du’aaf saaxilamaa jiruuf falli tokkichi sabichi qabus WBO waliin hiriiree loluun bilisummaa isaa gonfachuu qofa jechuunis jiraattonni yaada isaanii ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading