ONM-ABO Bitootessa 31, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo erga imaanaa saba bal’aa fudhatee manaa ba’ee kaasee dadhabe, beela’e, daare, nuffe akkasumas aduu, roobaa fi dhoqqee osoo hin jennee halkanii fi guyyaa cunqursaa saba isaa irraa kaasuuf boqonnaa dhabee diina kokkee qabuun madoon fi du’aan adabee milkii fi injifannoo gurguddoo galmeessuu itti fufee jira.
Haaluma kanaan jajjabeen abdii sabaa WBOn Bitootessa 28/2024 godina Lixa Shaggar aanaa Cobii magaalaa Guutoo fi gandoota baadiyaa afur keessatti Birgeediin Aduu Saafaa tarkaanfii guggubduu fudhateen olii fi gadi unkuruun lafa itti dhiphisee wareersuun waraana PP du’aa fi madoon adabuun gariin harkaan qabee gariin ammoo meeshaalee garaagaraa irraa hiikee galii qabsoo bilisummaa Oromoof oolcheera.
Lola kana irratti waraana faashistii PP 26 du’aan adabuun 42 immoo yoo madeessu,17 meeshaa fi hidhannoo guutuu waliin harkaan qabuun injifannoo boonsaa galmeessuun beeksiseera.
Gama meeshaan AKM 53 hidhannoo guutuu waliin, isnaappera 2, ujummoo girnoofaa 3 fi rasaasa dishqaa, girnoofaa fi meeshaalee adda addaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof godhee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
