ONM-ABO Ebla 1, 2024
Murni impaayera Itoophiyaa bulchu waan fedhe raawwachuu, seeraan alas qabeenya uummataa mancaasuu dabalatee maqaalee gibiraan saamicha jabeessee jira.
Koloneel Abiy Ahimed siyaasa tasgabbii fi sabatiinsa Oromiyaa keessatti fiduuf rakkoo jiru gadi taa’ee furuu irra rakkoo isaa jabeessee itti fufuun godina Jimmaa onoota digdamman godinichi qabu hundaa keessatti maqaa gibiraan hawaasa hiraarsaa akka jirus jiraattonni ni dubbatu.
Qonnaan bultoota dabalatee daldaltoota hundaa irraa dirqamaan saamichi itti fufee kan jiru godinicha keessatti, namoonni maallaqa gaafataman dhabanis hidhamaa jiraachuus dabaluun himaniiru.
Oduu biraatiin ammoo osoo hawaasni Oromoo godina Walloo irraa humnoota finxaaleeyyiii Amaaraa Faannoon duguugamaa jiru murni bilxiginnaa magaalaa godinichaa Jimmaatti, kaadiroota walitti qabuun deggersa hawaasa Amaaraaf akka aanotaatti midhaan kuntaala 1000 qopheessaa jechuun dirqamsiisaa jiraachuus dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

