ONM-ABO Ebila 2, 2024
Gareen faashistii PP filannoo ugguree qofaa dorgome mo’ate, kufaatii bulchiinsa isaa irratti jibbiinsa hawaasni irraa qabuun mudate suphachuuf hojiiwwan burjaajii siyaasaa geggeessaa jiran itti fufuun torbee kana keessa marsaa 4 hawaasaaf waamicha taasisuuf karoora qabaachuu fi itti seenuun barame.
Waamicha arfan keessaa tokko leenjii gaachana sirnaa geggeessuu dha. Sababni Gaachana Sirnaa geggeessaniifis, tokko garmalee hir’achaa dhufuu humna waraana maafiyaa sababa lola WBO fi Faannoo waliin geggeessaa jiraniin boojuu, du’aa, madoo fi ganuun hammaachaa waan jiruuf,
Gaachana Sirnaa eegumsa kaabinee, miseensota isaanii fi odeeffanoo uummata keessaa ittiin argachuuf, akkasumas yoo lolli kan jabaatu ta’e humna sana dafanii gara lolaatti bobbaasuuf akka ta’e barameera.
Kan lammataa waamicha wal gahii Adaamaatti walakkeesa waggaa paartii PP kabajuu fi bilxiginnaa akkasumas hooggansa Abiy Ahimed jejachuu ti.
Kan sadaffaa deggersa milkaa’uu hidha haaroomsa Abbayyaa kan jedhuu fi sanaan wal qabatee uummata irraa maallaqa funaanuu dha.
Sagantaa isaanii arfan keessaa tokko deggersa Abiy Ahimed kan jedhu yoo ta’u, karoora isaanii kanaan guyyaa har’a waggaa 6’ffaa Abiy Ahimed aangoo impaayerattiitti dhufuun qe’ee uummata Oromoo lafa qalma horii godhe kabajachaa turan.
Deggersi Abiy Ahimed kun godinoota Oromiyaa mara keessatti geggeeffamuuf karoorfame.
Dhaadannoo Injifannoo arganne tikifachaa kan hafe waliin haa eeggannu jedhuun uummata dirqiin baasanii jiru.
Seekterootni hojii mootummaa dhaadannoolee adda addaa akka qopheeffatan itti himame qabatii dirqiin ba’aniiru.
Kun hundumti uummata sirna isaaniin akkasumas waraanaa fi Koree Nageenyaa bilxiginnaa ykn Hitler fayyadamaa tureen wal fakkaatuun qe’een isaa gadda uffate goyyomsaan irraanfachiisuun muddama keessaa ba’uuf akka ta’e barameera.
Waggaa 6 Abiy Ahimed aangoo irra jiru kanatti Oromiyaa dabalatee naannoleen impaayerattii hedduun dirree waraanaa ta’uun lammiilee isaanii hedduu awwaaluuf dirqisiifamaniiru.





