ONM-ABO Ebla 3, 2024
Murni bilxiginnaa lammiilee nagaa jumlaan hidhuu, saamuu, manneen irratti gubuu fi ajjeesuu irratti kan argamu yakka namoomaa seeraa fi seenaan keessaa hin baane Oromoo irratti raawwachuu jabeessee jira.
Akka kanaanis godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee bulchiinsa magaalaa Baakkoo keessatti hidhamtootni siyaasaa waraana maafi’aa PP’n dararamaa akka jiran jiraattonni himan.
Namootni yeroo ammaa dhiittaan mirga namoomaa irratti adeemsifamaa jiru muraasni kan maqaan nu ga’e: Deeyisaa Tarressaa, Caalaa Iddoosaa, Taajuu, Gaachan, Taarikuu Lachiisaa, Hiikaa Bogonee, obbo Iddoosaa, Tafarii Moosisaa fi Addunyaa Bulii kanneen jedhaman warreen maqaan nu qaqqabeedha
Dabalataanis namoonni mana hidhaa aanaa Baakkoo Tibbee keessatti hiraarfamaa jiran hedduu ta’uun kan himamu, dhukkubsatanii yaala dhabuu fi haalli fayyadama nyaataa haalaan rakkisaa akka jirus dabaluun ONM’tti himaniiru.



