• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu mooraa Warshaa Juusii keessatti ajjeechaan namoota nagaa irratti akka raawwatamu maddeen ONM’tti himan

Apr 6, 2024

ONM-ABO Ebla 6, 2024

Oromiyaa keessaa iddoo ajjeechaan dhoksaa keessatti geggeeffamaa jiru keessaa godinni Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Hurutaa mooraan warshaa Juusii isa tokko ta’uu maddeen keenya moorichaa ONM’tti himaniiru.

Akka maddeen keenya moorichaa jedhanitti irra deddeebiin namoota baayinni isaanii hedduu ta’an Oromiyaa bakkeewwan adda addaa irraa fiduun akka achitti ajjeechaa irratti raawwatanis himan.

Haaluma kanaanis Ebla 2, 2024 hidhattootni murna bilxiginnaa kunneen namoota lakkoofsaan 33 ta’an qabuun mooricha keessa erga tursanii booda isaan keessaa namoota 6 halkan irra baasuun ajjeesanii Awaashitti akka darbanis himan.

Namoota ajjeefaman kanneen keessa jiraataan aanaa Siree ganda Koloobaa Hawaas jedhamu keessatti akka argamuu fi shamarreen bakki dhaloota ishee hin beekamne tokkollee keessatti akka argamtu himaniiru.

Namni kunis du’ee guyyaa tokkoof bakkee keessa turuu fi guyyaa lammaffaatti ammoo hawaasni kaasee akka awwaales ibsan.

Namoonni ja’an ajjeeffaman kunneen Oromiyaa bakkeewwan adda addaa irraa qabamanii waan dhufaniif maqaa isaanii adda baasuun ulfaataa ta’uu fi namoota qabamanii achi keessatti ajjeefaman kanneen namatti akka hin mul’isnes dabaluun maddeen kun ibsaniiru.

Leave a Reply