ONM-ABO Ebla 5, 2024
Waraanni badee balleessaan bilxiginnaa impaayera Itoophiyaa suphuuf socho’u godinoota Oromiyaa garaa garaa keessatti saamicha, hidhaa, gubaatii manneenii fi namoota nagaa ajjeesee bakkeetti gatuun reeffa ilmaan Oromoo bineensa sooraa jira.
Haaluma kanaan Ebla 3, 2024 godina Arsii Bahaa Aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo araddaa 6 keessatti saamichi qabeenya uummataa irratti murni PP’n raawwateera. Maqaan namoota qabeenyi jalaa saamamee
Muhaammad Galatoo jalaa Xaafii kuntaala 1
Adamoo Kuushoo jalaa sangaa 1
Amaanoo Roobaa jalaa sangaa 1
Maammad Asaboo jalaa xaafii kuntaala 2
Hajii Boruu Badhaasoo jalaa harree kormaa 2 jala fudhachuun midhaan gosoota garaa garaa konkolaataatti jalaa fe’atanii deemuun beekame.
Araddaadhuma kana keessatti lukkuuwwan 106 fi masjiida seenuun afata irratti sagadan gad baasanii irra buluun gubanii kan deeman yoo ta’u, araddaa Dibeelaa keessaa lukkuuwwan 85 fi re’ee 2 araddaa waataroo keessaa lukkuuwwan 436 araddaa Diinoo keessaa re’oota 10 fi loon 4 fudhataniiru. Araddaa Mataa Baddannaa keessatti ammoo mana hawaasaa caccabsanii seenuun meeshaalee mana keessaa qabeenya hunda waliin konkolaataadhaan gara magaalaa Aboomsaatti fe’atanii deemuu maddeen ONM’tti himan.
Oduuma Wal fakkaatuun Godinuma Arsii Bahaa Aanaa Jajuu fi Siree keessatti hidhaa fi ajjeechaan hammaachuu jiraattoonni dubbatu.
Ebla 1, 2024 Aanaa Jajuu Ganda Igguu keessatti namoota lama kan maqaan isaanii Kadir Jeelaanii fi Aliyyii Kamaal Fattoo jedhaman billaadhaan qalanii qaama isaanii irraa ciruun kan ajjeesan yoo ta’u ganda Wuruttaa Dooree jedhamtu keessatti ammoo nama maqaan isaa Bamuuq Haaji Siquu jedhamu ajjeesanii hallayyaatti gatuu maddeen gabaasan.
Aanaa Siree Ganda Kolbaa Hawaas keessatti maqaa WBO deggartu jedhuun namoota lama kan maqaan isaanii Alamuu Girmaa Goobanaa fi Maammadsaadiq Maammaa Usumaan jedhaman kan ajjeesan yoo ta’u, Taajuu Abduqaadir, Abilee Jeelaan, Doftee Misbawuu fi Sabboontuu Awwal kanneen jedhamanis Maqaa WBO deggartu jedhu itti maxxansuun mana hidhaa aanichaa magaalaa Arbooyyee keessatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.






