ONM-ABO Ebla 5, 2024
Miidiyaaleen Israa’el lama waraanni Israa’el sirna Artificial Intelligence gargaarame Lavender jedhamu fayyadamuun bakka Gaazaa irratti xiyyeeffate adda baasuu isaa gabaasan.
Waraanni Israa’el duula boombii Gaazaatti dhoosuu isaaf bakka adda baasuuf buufata odeeffannoo namtolcheetiin hojjetu kan hin qoratamnee fi hin ibsamne fayyadamuun ishee kan gabaafame yoo ta’u, ogeeyyii mirga namoomaa fi teeknooloojii “yakka waraanaa” ta’uu danda’a jedhan.
Maxxansi Israa’el fi Falasxiin +972 Barruulee fi miidiyaan afaan Ibrootaa Local Call dhiheenya kana akka gabaasetti waraanni Israa’el sirna xiyyeeffannaa AI gargaarame Lavender jedhamu fayyadamuun Falasxiinota kumaatamaan lakkaa’aman akka bakka boombii itti darbachuu danda’anitti adda baasuu ibseera.
Kuusaan odeeffannoo sun tarree ajjeechaa hanga 37,000 irratti xiyyeeffate qopheessuuf itti gaafatamummaa qaba,” jechuun Al Jazeeraaf Rory Challands, Yerusaalem Baha dhuunfatame irraa Kamisa darbe gabaaseera.
Qondaaltonni basaasa Israa’el maqaan isaanii hin ibsamne kanneen miidiyaalee kana dubbisan akka jedhanitti Laavender dogoggora gara dhibbeentaa 10 qaba. “Garuu sun Israa’eloonni yeroo baay’ee hojjettoota Hamaas sadarkaa gadi aanaa Gaazaa keessatti argaman adda baasuu fi boombii itti darbachuuf itti fayyadamuu irraa hin dhorkine,” jedhan Challands jechuun Aljazeeraan gabaaseera.


















