ONM-ABO Ebla 6, 2024
Qabsoo bilisummaaf uummatni Oromoo geggeessaa jiruun lubbuun namoota nagaa hedduun ba’aa fi hawaasni nagaan saamamaa, maqaa waraana bilisummaa Oromoo nyaachistuu fi karaa agarsiiftu akkasumas eeruu laattuuf jedhu murni bilxiginnaa da’oo godhachuun yeroo ammaa hawaasa nagaan hojii idilee isaa geggeeffatu doorsisuu irratti argama.
Bifuma kanaanis Ebla 4, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dugugguruu ganda Gaanga’aa keessatti caasaan murna faashistii PP maqaa waraana bilisummaa Oromoo naannoo kana nutti fidaa jirtuu fi daandii agarsiistu jedhuun uummata reebaa fi doorsisaa erga oolaniin booda bakka bu’aa hawaasaa maanguddoo nama wal dhabe walitti araarsuun beekamu kan maqaan isaanii Mohasmmed Ahimed Haajii (Abbaa Dhiiraa) jedhaman ganda Gaanga’aa mana isaaniitti itti dhaquun qabanii yoo deeman, namoota hedduu irratti ammoo reebicha hamaa raawwachuu isaanii maddeen keenya gamasii ONM’tti himaniiru
Akka maddeen jedhanitti maanguddoon kun nama siyaasa keessaa hin qabne akkasumas jaarsa araaraa ta’uu isaanii himuun hidhamuun maanguddoo kanaa hawaasa gandichaatti mufii guddaa uumee jiraachuu dabaluun dubbataniiru.


