ONM-ABO Ebla 8, 2024
Murna bilxiginnaa dawoo godhachuun hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa Oromiyaa keessatti maqaa uummata Amaaraa eeguu jedhuun meeshaa hidhachiifaman hanga har’aattillee riphanii ajjeechaa uummata Oromoo irratti raawwachaa akka jiran jiraattotni irra deddeebiin iyyachaa jiru.
Aanoota kanneen kana keessatti hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa kunneen lafa qonnaa fi karaa irratti eeguun namoota ajjeesanii dhoksaan gataa akka jiran jiraattonni dubbachuun, namuu lafa jal’sii qonnaa fi karaa gabaa deemu irratti ajjeefamaa akka jiru dubbatan.
Aanaa Abee Dongoroo keessatti qonnaan bultootni shanii ol ta’an torban darbe kana keessa lafa jal’isii qonnaa keessatti humnoota finxaaleeyyiii Amaaraa kanaan ajjeefamuu fi qabeenyaan isaaniis saamamuu ibsan.
Akkasumas aanaa Abaaboo Guduruu keessattis bifuma walfakkaataan ajjeechaan namoota gabaa deemaa turan irratti raawwatamuu ibsuun, qaamni impaayerattii bulchina ofiin jedhus yeroo hawaasichi miidhamu kana cal’isanii ilaalaa akka jiranis ibsan.
Maqaa WBO deggertu jedhuun namoonni hedduun aanota kanneen keessaa hidhattoota murna bilxiginnaan qabamuun waajjira poolisii fi mooraa hidhattootaa keessatti akka dararamaa jiranis dabaluun ibsaniiru.
