• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa irraa miseensotni amantii Waaqeffannaa 36 waraana faashistii PP’n qabamuun hidhaman

Apr 9, 2024

ONM-ABO Ebla 9, 2024

Impaayerri Itoophiyaa amantoota dhaabbata hordoftoota amantii Waaqeffannaa yeroodhaa yerootti hidhuu fi ajjeesuun kan beekamtu yoo taatu, yeroo ammaas sababa tokko malee mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuutu himama.

Bifuma kanaanis dhaabbanni amantaa Waaqeffannaa godina Baha Wallaggaa aanaa Guddayyaa Biilaa humnoota waraanaa abbaa irree bilxiginnaan doorsifamaa akka ture amantoonni galma Waaqefannaa ONM’tti himuun, yeroo ammaa kanas miseensonni amantichaa baay’inaan 36 ta’anis torbee darbe keessa qabamanii hidhamuutu dubbatama

Namoota hidhamuun dararamaa jiran keessaa muraasni maqaan kan nu ga’e Tolosaa Warquu, Kuusaa Lammii, Tasfayee Abdii fi Bushaa kanneen jedhaman akka ta’e beekameera.

Akka heera impaayerattiitti namni mirga amantii kamuu hordofuu fi waaqessu kan qabaatus, garuu murni bilxiginnaa amantaa Waaqeffannaa fi ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo walitti fidee amantoota irraanis dhiibbaa ga’aa jiraachuunis daran jabaatee amantootatti yaaddoo uumee jira jechuun maddeen dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply