• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree keessatti konkolataa 2 barbadeessuun qawwee irraa hiikkate

Apr 9, 2024

ONM-ABO Ebla 9, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun injifannoo boonsaa galmeesse.
Haaluma kanaanis har’a Ebla 9 waaree booda sa’a 9:30 irratti waraana faashistii PP 3f lamaan godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baddeessaa gidduu deddeebi’aa turte daandii gubbatti eeguun tarkaanfii irratti fudhateen diina du’aa fi madoon adabe jira.

Tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuun diina harcaase kanaan qawwee AKM 6, boombii, rasaasaa fi hidhannoo irraa hiikuun waraana koloneel Abiy Ahimed 4 harkaan qabee jira.
Konkolaataa 3F diinni itti socho’aa turte 1 haleellaa irra ga’een daandii gadhiisuun hallayyaa seentee yoo caccabdu tokko ammoo WBOn gubee barbadeessee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply