ONM-ABO Ebla 10, 2024
Gareen faashistii bilxiginnaa kufaatii dinagdee hamaa isa mudaatee jiru keessaa ba’uuf jecha lukkeelee isaa hawaasatti bobbaasuun guyyaa guyyaan karoora badiin namoota hiraarsuu jabeessee itti fufee jira.
Ebla 2, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti ergamtoonni maafi’aa PP miindaa miliishaa kafalluu hin dandeenyu jechuun dirqamaan konkolaachistoota baajaajii irraa qarshii 300 fuudhaa turuu jiraattonni himaniiru.
Dabalataanis dargaggoota hojii humnaan wal gurmeessuun kuntaala baatanii jiraatan qarshii 700 fiddan malee hojjechuu hin dandeessan jechuun dirqamaan sodaachisanii irraa fuudhaa jiraachuunis beekameera.
Namoota ulfaatina humnaan olii baannee jireenya keenyaaf dararaa osoo arginuu akkamiin qarshii hanga kanaa kaffala jedhanis maqaa ilaalcha WBO qabdu jedhuun doorsisanii manneen hidhaatti galchuuf haal-duree xumuranii akka jiranis dabaluun himaniiru.






