ONM-ABO Ebla 10, 2024
Aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo bakka addaa Ejersa Jaarraa jedhamutti Ebla 3, 2024 dargaggoon maqaan isaa Shaalloo Kabbee jedhamu waraana mootummaa abbaa irree bilxiginnaan ajjeeffamee gatamuun barame.
Dargaggoo Yaayyaan erga ajjeefamees maatii fi firoottan isaa reeffa kaasuun awwaalanii kan turan yoo ta’u, guyyaa tokkoof reeffi isaas awwaalamee erga turee borumtaa isaa bakka awwaalaa deemuun waraanni faashistii PP boollaa baasuun reeffa mukatti akka fannisan jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Murni safuu fi kabaja ilma namaaf hin qabne kunneen dargaggoo kana uffannaa irraa yaasuun qullaa erga fannisanii boodas hawaasa dirqiin manaa yaasuun ilaalchisaa akka turanis dabaluun himan.
Waraanni Impaayera Itoophiyaa gocha fokkisaa kanneen akka dhala namaa ajjeesanii fannisuu, albeen qaluu, qaama namaa kukkutuu fi qaama saalaa muruu raawwatanii gara jabummaa agarsiisaa jiraachuun gochaa hammeenyummaa sirnichi saba Oromoof qabuudha jechuun hawaasni yaada isaanii ONM’tti himaniiru.





