ONM- ABO Ebla 12, 2024
Oromiyaa keessatti osoo uummanni Oromoo hanqina nyaataan daa’imman harkatti miidhamaa jiranii fi qaala’iinsi jireenyaa itti ulftaatee jiruu murni bilxiginnaa hammeenyummaa isaa jabeessuun namoota hidhaan dararuu jabeessee jira.
Bifuma kanaanis godina Baha Wallaggaa ona Guutoo Giddaatti namoonni maqaan isaanii Hasan Jibiril, Nuuraddin Usmaa’el, Gammadaa Taaddasee, Abdii Abarraa, Dinqaa Mulaatuu, Gammachuu Ayyaanaa fi namoonni hedduun Bitootessa 23, 2024 qabamuun yakka tokko malee waajjira poolisii aanichaatti dararamaa jiraachuun beekameera.
Dabalataanis aanaa Waamaa Hagaloo keessatti meeshaalee waraana bilisummaa Oromoo dhoksaan keessanii jirtu, baasaa nutti kennaa jechuun dargaggoo Baqqalaa Lammeessaa fi Gammachuu Taayyee jedhaman badii tokko malee torban sadii dura hidhanii dararaa turuun Baqqalaa kan jedhamu bulchiinsa magaalaa Naqamteetti dabarsanii jiraachuun himameera.


