ONM-ABO Ebla 15, 2024
Israa’el dirooniiwwanii fi misaa’eloota Iraan itti furguggifte 300 ol ta’an halkan tokkitti akka of irraa qolatte dubbatti.
Israa’el dirooniiwwan Tehraan erga kuffisteen booda, lolli Iraan ‘ammallee hin xumuramne’ jette.
Ministirri Kaabiinee Waraana Israa’el, Beenii Gaantiiz, Israa’el deebii haleellaa isheerratti raawwatameef yeroonsaa wayita gahuutti ”gatii sirrii” ni kafaltiif jedhan.
Gaantiiz ibsa osoo kaabiineen waraanaa Israa’el walitti hin qabamiin dura baasaniin, ”Gamtaa qaxanichaa ijaaruudhaan Iraaniif yeroo sirriitti gatii ni kenenniinaaf’,’ jedhan.
”Hunda caalaa ammoo, fedhii diinoota keenyaa nu miidhuu barbaadan duratti tokkummaan itti fufuun caalaa cimoo taana”jedhan
“Addatti ammoo, Gaantiiz Ministiira Dhimma Alaa Jarman, Anaaleenaa Baa’erbook waliin haasaa taasisanii jiru.
”Jalqabarratti kan mari’anne haleellaan Iraan kallattii fi ergamtoota isheetiin, sadarkaa qaxanichaa fi idil-addunyaatti fuuldura dhaabbachuuf adda walta’e hundeessuun barbaachisaa ta’uu barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin dubbataniiru jechuun BBCn gabaasera.

