• Thu. Nov 26th, 2026

Seenaama impaayerittii keessatti uummanni Oromoo akka bara murna bilxiginnaa kanaa ta’ee kan hin beekne yoo ta’u namoonni fayyaalessi hedduunis manni isaanii irratti gubachuun manaa ala ta’anii maatii isaaniis bakkeetti facaasuun jiruu gadadoo dhandhamaa jiru

Apr 15, 2024

ONM-ABO Ebla 15, 2024

Seenaama impaayerittii keessatti uummanni Oromoo akka bara murna bilxiginnaa kanaa ta’ee kan hin beekne yoo ta’u namoonni fayyaalessi hedduunis manni isaanii irratti gubachuun manaa ala ta’anii maatii isaaniis bakkeetti facaasuun jiruu gadadoo dhandhamaa jiru.

Sirni uummata Oromoo lafa irraa balleessuuf kallattii danuun lubbuu balleessuu, dinagdeen hawaasicha laamshessuu fi biyyarraa godaansiisuuf hojiitti jiru bilxiginnaan duula hawaasicha dhabama gochuu akkuma itti fufanitti jiru.

Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 14, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Hurutaa Doree keessatti manneen qonnaan bultoota hedduu ibiddaan gubachuun qabeenyi namootaas saamameera.

Manneen gubatan kan namoota hedduu ta’an illee kanneen keessaa kan maqaa arganne Usmaa’il Abdii fi Muusaa Gurraachaa kanneen jedhaman manni isaanii gubachuun qabeenyi isaaniis saamamuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Akkasumas hidhattootni kunneen naannoo kanatti WBO’n nutti dhukaasee jennaan lubbuu keessanii fi qabeenyi keessan akka badu quba qabaadhaa jechuun itti dhaadachaa turuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply