ONM-ABO Ebla 16, 2024
Murni bilxiginnaa diraamaa isaanii bifa biraan eegaluun guyyoota lamaan kana uummata dirqamaan gara bosonaatti ofii duuba goranii bobbaasuun boodarra ammoo karaa miidiyaa fi dabballoota isaanii WBO uummata waliin taanee balleessine jechuuf hojiitti seenanii jiru.
Guyyaa har’as kana Ebla 16, 2024 ganamaan aanaa Saasiggaa ganda Laga Hora Waataa jedhamutti xinnaa guddaa osoo hin jenne uummata dirqamaan gara bosonaatti bobbaasaa turuu jiraattotni himan.
Holola Waraanni Bilisummaa Oromoo iddoo akkasiitii gale iddoo akkasiitii harka kennate jedhu hololaa erga turaniin booda amma ammoo uummata dirqamaan gara bosonaa bobbaasaa jiru.
Kaayyoon isaaniis uummata bosonatti naqanii ofii duuba deemuun, Waraanni Bilisummaa Oromoo akka itti dhukaasuuf yaadanii yoo ta’u, dhukaasni geggeeffamnaan uummata isaan waliin jiru fixanii WBO ittiin maqaa balleessuuf akka ta’e barameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo waraana sabichaa waan ta’eef uummatichi akka miidhamu waan hin barbaanneef jalaa goraa fi callisee ilaalaa ture.
Isaanoo akkuma keessan qawwee qabuu nuti akkamiin deemnee barbaanna jedhanii didanis dirqama itti gochuu fi warreen yaada akkasii qaban WBO waliin hidhata qabdu jechuun miidhaa irraan ga’aa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.




