• Sun. Mar 15th, 2026

Waraanni faashistii PP godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu keessatti manneen uummataa gubuu fi reebichaan dararaa jiraachuun dhagaa’ame

Apr 20, 2024

ONM-ABO Ebla 17, 2024

Godinaalee Oromiyaa cufa keessatti dararaa murna bilxiginnaan irratti raawwatu keessummeessaa kan jiru uummanni Oromoo ammas kanneen yeroo duraa caalmaatti miidhamaa jiraachuun kan beekamuudha.

Ebla 15, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Saqqee Bookichaa jedhamtu keessatti Maqaa WBO deggartu jedhu itti maxxansuun manneen jiraattootaa abiddaan gubanii barbadeessuu maddeen gabaasan.

Uummatni aanichaa yeroo ammaa kanatti waan nyaatee jiraatuu fi mana keessa jiraatu dhabuun rakkoo hamtuu Akka keessummeessaa jiran maddeen gabaasan.

Namoota manni jalaa gubate keessaa muraasni kanneen maqaa arganne, Haaji Abdullaahii Qaadir, Kadir Haaji Abdii, Usmaa’il Haaji Abduqaadir, Jamee Abdullaahii,  Sheek Huseen Ismaa’il, Muusaa Aliyyii kanneen jedhaman ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading