• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti hidhaa fi dararaan waraana faashistii PP’n jabaate

Apr 21, 2024

ONM-ABO Ebla 17, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti dhaabbanni mirgoota namoomaa fi heerri barra’e osoo jiruu hawaasni qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa yakka tokko malee gadi baafamee waraana gabroomfataa PP’n ajjeefamaa fi hidhamaa jiraachuun yaaddoo jireenyaa nutti uumee jira jechuun jiraattonni dubbatu.

Bifuma kanaanis godina Baha Wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Qorkee jedhamutti namoonni nagaan maqaan isaanii Muummee Jamaal, Magarsaa fi Badiruu Yuusuuf jedhaman maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun Ebla 8, 2024 qabamanii hanga har’aatti magaalaa Gatamaa waajjira poolisii keessatti rakkoof saaxilamanii akka jiran himame.

Gidirfamni fi dabni karaa lukkeelee bilxiginnaa saba Oromoo irratti ta’aa jiru yeroo ammaa jabaatee itti fufuun milishoonni gaachana sirnaa jechuun of-waamanis maatiilee hedduu saamuu fi haaloo dhuunfaa itti ba’aa akka jiranis jiraattonni onichaa ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply