ONM-ABO Ebla 17, 2024
Kisaaraa humna waraanaan impaayerittii mudatee jiru irraa fayyuuf jecha bilxiginnaan kallattii hundaan saamicha hawaasa nagaa irratti taasisu cimsee itti fufee jira.
Waggaa keessatti maqaa gibiraan uummata yeroo sadii fi isaa ol saamaa kan jiran qaamni maqaaf biyya bulchina jedhan kunneen yeroo ammaa gaaga’ama hamaa uummatatti fiduun uummanni sadarkaa itti beela’aa fi biyyaa godaanaa jiru irra ga’ee jira.
Torban darbe irraa kaasuun daldaltota Jimaa uummata irraa bituun magaalota akka Finfinnee fi Adaamaa geessan karaa gubbaatti eeguun murni shiftaan afaan qawween uummata cafaqee bulchaa jiru, tokkoo tokkoon konkolaataa irratti qarshii 40,000 hanga 70,000 irraa fudhaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Sababa kanaanis daldaltoonni Jimaa kunneenis uummata irraa bituu kan xiqqeessan yoo ta’u, dinagdeen uummatichaas harki caalu Jimaa irratti kan hundaa’ee jiru ta’uun uummaticha irrattis rakkoo dinagdee akka uumaa jiru dubbataniiru.
Kaayyoon sirnichaas uummata dinagdeen laamshessuu harka kennachiisuudha kan jedhan maddeen kun, gidduu kanatti namoonni hedduun maatii isaanii beelessuu fi rakkinaaf saaxilamaa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.




