• Wed. Nov 25th, 2026

Murni bilxiginnaa dargaggoota kutaalee Oromiyaa tokko tokko irraa walitti qabuun leenjii tikummaa Xoollaayii fi Awaash Arbaatti kennaafii jira

Apr 22, 2024

ONM-ABO Ebla 20, 2024

Yeroo adda addaatti murni bilxiginnaa maallaqa guddaa dhangalaasuun namoota leenjii tikummaa kennuufiin lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo jirutti bobbaasaa turuun ni beekama.

Haa ta’u malee qaruuxee WBO’n iddoo adda addaatti hordofamuun eeruu hawaasaa to’atamaa turan.

Tibba kana ammoo dargaggoota magaalaa kaasee hanga baadiyyaatti isin deggartoota WBO’ti jechuun qabanii hidhanii turan, leenjii tikummaa iddoowwan adda addaatti  kenneefii akka jiran ibsan.

Leenjii isaan kennaniifis lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru deemanii saboontota fakkaachuun akka magaalaa hanga baadiyyaatti hordofaniif akka ta’es himan.

Namoonni kunneenis godinaalee Wallaggaa arfan, Giddugaleessaa, fi Arsii keessaa akka walitti qabamanis maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply