• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Diida’aa keessatti dargaggoon tokko waraana sirnichaan ajjeefame

Apr 23, 2024

ONM-ABO Ebla 23, 2024

Oromiyaa tt isa haaraan jabaatee itti fufuun namoonni nagaanis rasaasa hidhattoota murna PP’n ajjeefamaa oolu.

Namoota siyaasa irraa bilisa ta’an ija shakkiin ilaaluun ajjeechaa lubbuu namaatti murteessuun raawwachaa kan jiran hidhattootni kunneen, Arsii Bahaa aanaa Roobee Diida’aa ganda Mararoo Sibee jedhamu keessatti guyyaa dheengaddaa Ebla 21, 2024 dargaggoo gurraan hin dhageenyee fi dubbachuu hin dandeenye dargaggoo maqaan isaa Aabbishuu Qaasoo jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesuu jiraattotni himan.

Dargaggoo Aabbishuu jedhamu kana erga ajjeesanii booda WBO ajjeefne jechuun hawaasatti agarsiisaa turuus jiraattotni dargaggoo kana beekan ONM’f ibsan.

Ajjeefamuu dargaggoo gurraan hin dhageenyee fi dubbachuu hin dandeenyee kanaas maatii dabalatee namoonni ganda isaa hedduu gadduus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading