ONM-ABO Ebla 22, 2024
Saamtonni sirna PP yeroo irraa gara yerootti lubbuu ilmaan Oromoo balleessaa oolan saamicha qabeenya uummata nagaa irratti raawwatan kan duraa caalaatti hawaasa irratti jabeessanii jiru.
Yakka biraa dalageef osoo hin taane Oromummaa isaa qofaan yakkamuun ergamtoota sirna nama nyaataa bilxiginnaan hiraarfamaa kan jiru uummanni Oromoo, ammas baattota sirna milinikiin dararamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.
Ebla 15, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Wataroo Diinoo ganda Ardaa Ilaalaa jedhamtu keessatti qabeenyi uummataa waraana faashistii PP’n saamamaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Namoota qabeenyi jalaa saamame keessaa muraasni kan maqaa arganne Arbaa Shamsoo, Xa’aa Daadhii, Ariffaa Muktaar, Muraadoo Guttoo, Bashaa Godaanaa, fi Qaasimoo Hajii kanneen jedhaman yoo ta’an walumaa galatti namoota kanneen jalaa re’oota 45 fi qabeenya mana keessaa hunda osoo hin hambisin jalaa fudhatan jechuun jiraattoonni ONM’tti himan.
Haaluma walfakkaatuun ganduma kana keessaa iddoo Ardaa Kampii jedhamu keessatti ammoo namoota 2 kanneen maqaan isaanii Ababuu Jamaaloo fi Kurroo Galatoo jedhaman reebicha hamaa erga irratti raawwataniin booda saamichas irratti geggeessuun re’oota 11 fi sangoota 2 jalaa fudhatanii akka qalatan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.


