• Mon. Mar 16th, 2026

Irree fi gaachanni sabaa WBO Zoonii Kibbaa Baha Oromiyaa keessa socho’u iddoolee garaagaratti diinaa du’aa fi madoon adabuu beeksiise

Apr 23, 2024

ONM-ABO Ebla 22, 2024

Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 21/2024 godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa ganda Bidduu Balaatti Cibraan Jaal Nadhii Gammada diina maqaa sakkataa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte olii fi gadi goluun hedduu ajjeesuu fi gariin madoo dandammii hin qabneen adabuun gara magaalaatti deebisee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Jimaata darbe jechuun Ebla 19 godina Arsii Bahaa aanaa Asakkoo ganda Hellaatti Cibraan Ambaa Aanolee diina maqaa sakkattaa WBOn bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte guyyaan uummata keessatti itti dhufun dirree keessa gugsee gara magaalaa dhuftetti akka isin deebitu godhe jira.

Korommiiwwan sabaa diina uummata nagaa kaan hidhaa kaan ammoo humnaan nyaataa irraa nyaataa hawaasicha keessa jiraatan irratti tarkaanfii fudhateen loltoota 7 irraa ajjeessun 12 maddeessee AKM 1 fi SKS 1 irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisumma Oromoof galii godhee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading