ONM-ABO Ebla 22, 2024
Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii barcuma koloneel Abiy Ahimediin tiksuuf bobbaafamuun Kibba Baha Oromiyaa keessa socho’an Waraana Bilisummaa Oromootti harkaa kennachaa jiru.
Guyya kaleessa jechuun Ebla 21 godina Arsii Bahaa keessatti iddoo lamatti harka kennatanii jiru.
Akka kanaanis godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa magaalaa Xareetaa irra loltuun PP maqaan isaa Abdii Galaanaa jedhamuu qawwee AKM 1, F1 2 fi rasaasa 200 waliin gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun aanaa Jajuu magaalaa Jimaatee irraa loltuun tokko AKM 1, gumbii 8, F1 3 fi rasaasa 400 moona diinaa keessaa baasuun moonaa qabsoo bilisumma Oromoof galii godhee jira.
Akka miseensooni kun lamaan kaasanitti mooraa murna bilxiginnaa keessa turanitti mirgi isaanii akka hin hin eegamnee fi olaantumaan kan mul’atu kan saba Amaaraati jedhan. Yeroo nuti gaaffii gaafannu ilaalcha WBO qabdu jechuun namoota hedduu hidhaa fi ajjeesaa jiru jechuun yaada isaanii ibsatan.
Waraanni murna faashistii duraanii kun ilmaan Oromoo miseensota waraana bilxiginnaa ta’anii jiraniin uummata keessan gabrummaa jala tursuuf hojiin diinummaa isin hojjettan sirrii waan hin taaneef gocha seenaan isin gaafatu kana dhiisaa jedhan.
Itti dabaluun meeshaa fi hidhannoo keessa qabattanii Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamuun saba keessan garbummaa jalaa baasuun ga’ee keessan akka ba’attan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗️


