• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaa fi Adaabbaa keessatti namoonni nagaan ajjeefamuu fi humnoota waraana faashistii PP’n hidhamaa jiraachuun dhagaa’ame

Apr 25, 2024

ONM-ABO Ebla 23, 2024

Qabsaa’ota Oromoo fi namoota sabboonummaa qaban afaan qawween cabsinee impaayerattii utubna kan jedhu murni bilxiginnaa qe’ee maatii qabsaa’otaa gubuu fi namoota quuqama sabaa qaban jedhanii shakkan cufa hidhuu, saamuu fi ajjeesuun maatii Oromootti gadda uwwisaa akka jiran beekameera.

Akkuma kanaanis godina Arsii Lixaa aanaa Dodolaa ganda  Buuraa Addeellee keessaa namoonni adda durummaan lukkeelee diinaa ta’uun namoota hiisisaa fi ajjeechaa raawwachiisaa jiran maqaan isaanii: Caalaa Irkoo -hoogganaa Caasaa ganda Buuraa Addeellee kan ta’ee fi Awwal Hundiisaa- bakka bu’aa Paartii Badhaadhinaa ganda Buuraa Addeellee akka ta’e maddeen himan.

Dabalataanis Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa keessatti namoonni bakkeewwan adda addaa irraa qabamuun dhoksaan ajjeefamanii Qileetti gatamaa akka jiran namoonni itti siqeenyaan beekan ibsan.

Namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne guyyuu ajjeefamaa akka jiran kan himamu yoo ta’u, aanota adda addaa irraa qabamanii gara aanaa Adaabbaa keessatti jumlaan ajjeefamaa jiraachuun namnuu nagaan ba’ee galuun itti ulfaatee akka jiru jiraattonni dubbataniiru.

Leave a Reply