ONM-ONM-ABO Ebla 18, 2024
Barsiistuu Suufaan osoo mana hidhaa keessa jirtuu achi keessatti akka deesse kan himamu yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaayetti daa’ima dhiigaa waliin hidhamaa akka jirtus beekameera.
Dabalataanis namoonni gandoota adda addaa irraa hidhamanii jiran maqaan isaanii ganda Lubee keessaa: Ummaa Gammachuu, Dabalee Galataa, Caaltuu Waaqkennee, Taaddalee Mokonnon, Nagaasaa Baqqalaa fi Ganda Balaccuu keessaa ammoo Dajanee Fufaa, Dirribaa Dheeressaa, Dirribaa Geetaachoo, Abdiisaa Abbabaa kanneen jedhaman badii tokko malee qabamanii hidhamuun mana hidhaatti rakkachaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Oduu biraatiin ammoo aanaa Saasiggaa ganda Tsigee Guddinaa jedhamu keessatti Ebla 24, 2024 waraanni gabroomfataa PP maqaa sakatta’iinsa WBO’n bobba’an obbo Badhaasaa Hiikaa nama jedhamu maatii isaa biraa Ebla 23, 2024 qabuun guyyaa tokkoof hidhaa fi reebicha irratti taasisuun hiraarsaa erga turanii booda mana hidhaa irraa baasuun ajjeesuun akka gatan jiraattonni himaniiru.



