ONM-ABO Ebla 26, 2024
Koreen nageenyaa godina Lixa Shaggar aanaa Tokkee Kuttaayee maatii qabsa’ootaa irratti doorsisaa fi sossobbaa hedduu torbanoota sadan darbaniif erga taasisaa turaniin booda dheengadda Ebla 24, 2024 murtee dabarsan.
Murteen hawaasa siyaasa keessaa hin qabne irratti darbe kun kaadirootaa fi miseensota isaanii Dirree Masqalaatti baasuun akka ta’e barameera.
Murteen maatii qabsaa’otaa irratti darbe kun uummatni akka hin dubbisne, iyya akka itti hin birmanne, namni dubbise qarshii 10,000 akka adabamu kan jedhuudha.
Kana malees Waraana Bilisummaa Oromoof maallaqa yoo kennitan mana jireenyaa keessan keessaa baatanii milishootaaf akka kennamu, hojjetaa mootummaa yoo ta’an hojiirra akka ari’aman, qonnaan bultootni qonnaa akka dhorkamanii fi abbootiin qabeenyaa daldala isaanii dhaabuun qabeenyi isaanii akka dhuunfatamu ibsaniiru.
Sababa doorsisa kanaanis uummanni aanaa Tokkee Kuttaayee yaaddoo keessa galuu fi yoom maqaa kanaan Koreen Nageenyaa kun nu adabaa fi lubbuu keenya balleessa jechuun dhiphachaa akka jiran jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.






