ONM-ABO Ebla 30, 2024
Gocha suukkanneessaa hawaasa Oromoo irratti raawwachuun kan beekamu sirni PP abbaa ilmaan biratti ajjeesuu bira darbee haadhaa fi abbaa biratti gocha safuu hawaasaa hin ibsine gudeeddii raawwachuun qorqalbii hawaasichaa miidhaa jira.
Gochi jibbisiisaa fi safuu hawaasaa hin eegne irra deddeebiin keessatti kan raawwatamu aanaa Qondaalaa ganda Geemii Gaabbaa keessatti Kamisa darbe jechuun Ebla 25, 2024 obbo Mahaammad Atoomoo kan jedhamu osoo inni bajaajii bitachuuf ganda baadiyyaa sana irraa gara magaalaa deemuu hidhattootni sirnichaa karaatti qabuun maallaqa kana hunda eessaa fidde jechuun erga irraa fudhataniin booda gara mana isaatti deebisuun ija maatii duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii biraa deeman.
Obbo Maammad maallaqa isaas erga irraa fudhatanii booda, dhala isaa kan reeffa isaa irra teessee boo’aa turte maaliif boossa jechuun cuubeen wawwaraananii qorqalbii ishee miidhuun yeroo ammaa sammuu gad dhiistee akka jirtu jiraattotni dabaluun ibsaniiru.
Gochi sukkanneessaan maatii kana irratti raawwatame namoota ollaa kan mufachiisee fi guddoo gaddisiise akkasumas egeree isaanii yaaddeesse ta’uus dabaluun ibsaniiru.



