• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaa keessatti qondaalonni PP namoota hidhanii dararuu fi beenyaa malee jiraattota mana irraa buqqisaa jiraachuun dhaga’ame

May 5, 2024


ONM-ABO Ebla 30, 2024

Sirni nama nyaataan bilxiginnaa Oromiyaa keessatti fayyaaleeyyii hidhuu fi ajjeesuun warreen kaan ittiin sodaachisuuf dhimma itti ba’aa kan jiru yoo ta’u, godina Jimmaa aanaa Qarsaa keessatti nama tokko harkaa fi miilla sibiilaan hidhuun miidhaa irraan ga’aa jiru.

Godina Jimmaa aanaa Qarsaa keessatti hidhamee kan jiru namni maqaan isaa Mahaadii Abbaa Jabal Abbaa Goduu jedhamu buufata Poolisii magaalaa Sarbootti baatii 2 oliif bakka firaa fi maatiin isaa hin arginetti harkii fi miilli isaa sibiilaan hidhamee madaa’uun dhibee biraaf isa saaxilaa jiraachuu maddeen keenya himan.

Maatiin Mahaadii yeroo qaamota nageenyaa gaafatanitti nu bira hin jiru jechuun uffataa fi nyaata maatiin geessuuf irraa fuudhuu diduun beelaan miidhamaa fi injiraaniin nyaatamaa akka jirus addeessaniiru.

Oduu biraatiin aanuma kana keessatti kaadiroonni PP lafa jiraattota gandichaa abbootii qabeenyaatiif kennuun jiraattonni beenyaa tokko malee buqqa’aa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Jiraattonni yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif qoodan akka jedhanitti, namni nu keessaa maaliif beenyaan tokko otoo nuuf hin kennamin nu buqqistu jedhee gaafate, ni reebama, ni hidhama waan ta’eef, sodaa akkanaa irraa ka’uun gaaffii mirgaa gaafachuu dadhabuun yaaddoo guddoo keessa jirra jedhaniiru.

Kanaan dura namoonni gaaffii gaafatan fuula keenya duratti salphatan waan ta’eef, gaaffii gaafachuu sodaannee, beenyaa tokko malee buqqa’uuf dirqamsiifamaa jirra jechuun yaada isaanii dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply