• Tue. Nov 24th, 2026

WBOn Zoonii Kibbaa Godina Booranaa Keessatti Diina Du’aa fi Madoon Adabe

May 5, 2024

ONM-ABO Caamsaa 3, 2024

Irree fi gachaanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa godina Booranaa ona Dirree ganda Magadoo bakka Koorittii jedhamutti har’a Caamsaa 3, 2024 barii baraaqqaan itti cabsuun humna diinaa du’aa fi madoon adabee jira.

Lola sa’a 12:00 hanga guyyaa keessaa sa’a 6:00tti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo ergamtoota koloneel Abiy Ahimed waliin geggeesseen humna nyaaphaa irraa loltootni 18 hojiin ala ta’aniiru. Isaan kunis 6 du’aan 12 ammoo madoo dandammi hin qabneen adabamuun bakkaa buqqatee gargar faca’uun baqattee galuun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply