• Sun. May 19th, 2024

Godina Lixa Harargee keessatti ajjeechaan milishoota Sirna PP’n jiraattota irratti hammaatee jiraachuun dhagaa’ame

May 7, 2024

ONM-ABO Caamsaa 6, 2024

Caasaaleen murna bilxiginnaa ergaa dabaa kolonel Abiy Ahimed irraa fudhachuun duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran gochoota diinummaa isaanii uummata irratti jabeessanii jiru.

Bara Oromummaan yakka ta’e badii tokko malee rasaasa murna PP’n namni hedduun lubbuu isaanii dhabaa jiranitti uummanni Oromoo yeroo irraa gara yerootti eegdota bulchiinsa abbaa irree impaayera Itoophiyaan miidhaa guddaan irra ga’uun qe’een isaa goolamaa jira.

Haaluma kanaan Godina Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum keessatti milishoonni bilxiginnaa namoota nagaa ajjeesaniiru. Namoota du’an keessaa ammaaf kan maqaa arganne, Juhaar Abraahim, Maammad Zakkoo, Ibsaa fi Shaamux kan jedhaman yoo ta’an namoota maqaan isaanii hin beekamin hedduus ajjeesanii bishaanitti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading