• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti hidhaa, maqaa Xaa’oon saamicha raawwachuu fi qabeenyi nama dhuunfaas hidhattoota sirnichaan saamame

May 12, 2024

ONM-ABO Caamsaa 7, 2024

Sirna bilxiginnaa biratti uummanni Oromoo xinnaa guddaan kabaja dhabuun Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun gochoota manneen hidhaa dhoksaa impaayerattii keessatti raawwatamu dabalatee hidhaan jumlaa uummata nagaa irratti raawwatamaa jira.

Namoota qaroo biyyaa ta’anii fi uummaticha mataa walitti ni qabu jedhaman hawaasa keessaa filee ajjeesuu fi hidhaa irratti raawwachaa kan jiru murni faashistii PP Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda Waldaa Qal’inaa jedhamu keessaa maanguddoota lamaa fi dargaggoo tokko kan maqaan isaanii Ijaaroo Mi’eessoo, Leenjisoo Waaqantaat fi Doonii Aabbee jedhaman mana hidhaa impaayerattii keessatti turtii baatii lamaa hanga torbaa hidhamanii dararamaa jiru.

Maanguddoo Ijaaroo Mi’eessoo baatii torba kan hidhamee jiru yoo ta’u, obbo Leenjisoo Waaqantaat ammoo baatii 2 fi dargaggoo Doonii Aabbee jedhamus baatii torba kan hidhamanii dha. Namoonni kunneen hanga ammaatti mana murtiitti osoo hin dhihaatin dararamaa akka jiran jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Akkasumas gandoota aanicha jalatti argaman keessaa kanneen akka Waldaa Qal’inaa, Baqalee Girrisaa, Waldaa Maqdalaa, Tuuchii Gamoo fi Shubii Gamoo jedhamu keessatti ammoo gibiraa kaffaltan malee xaa’oo argachuu hin dandeessan jechuun waqtii qonnaa kanatti uummata Xaa’oo dhoowwachaa jiraachuus jiraattotni himan.

Uummanni gandoota kanneenii irraa waggaa tokko keessatti gibira yeroo lama fuudhaa kan turan yoo ta’u ammas marsaa sadaffaaf akka xaa’oon doorsiisanii saamicha irratti geggeessaa jiran barameera.

Dabalataanis ganda Shubii Gamoo jedhamu keessatti nama obbo Qorichoo Dagaagaa jedhamu jalaa sangoota sadii sababa tokko malee mana isaatti itti dhaquun jalaa fuudhatanii deemuu jiraattotni himuun, mana barumsa Shubii Gamoo barattoota keessaa baasuun buufata isaanii godhatanii barattoota shamarranii achi keessatti baratan irratti guddeeddii irratti raawwachaa akka jiranis jiraattotni dabaluun addeessaniiru.

Leave a Reply