ONM-ABO Caamsaa 8, 2024
Gareen hojii badii fi dhiittaa mirgoota namoomaa raawwatu bilxiginnaan hawaasa nagaa ajjeesuu aadeffachuun godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Badhaasaa Jaarsootti nama nagaa tokko ajjeesanii gatan.
Namni ajjeefame kunis maqaan isaa ‘Garramuu Gabbisaa’ kan jedhamu badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf “Abiy Ahimed Naqamtee dhufaa jira” jechuun nageenya isaa eeguuf jecha nageenya hawaasa nagaa booressuun Caamsaa 06, 2024 mana amantaa osoo inni dhaqaa jiruu bakka addaa ‘Horroo’ jedhamee beekamutti ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himan.
Rakkoo siyaasaa wal xaxaa keessa galee kan jiru murni faashistii PP namoota nagaa ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi dararuun qorqalbii hawaasichaa cabsee bulchiinsa abbaa irrummaa isaa jabeessuun tooftaa haaraa baafatee duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuu jiraatonni himaniiru.

