ONM-ABO Caamsaa 10, 2024
Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel magaalaa Baabboo mooraa 2 keessatti guyyaa kaleessaa Caamsaa 9, 2024 galgala naannoo sa’atii 12:30’tti waraanni PP mooraa keessatti walii isheetti dhukaasuun wal ajjeestee jirti.
Dhukaasa baay’ee wal irratti geggeessaniin akka odeessi keessoo PP addeessutti loltootni bilxiginnaa 3 madaa’uun 2 du’anii jiru.
Sababni wal lola isaanii addatti beekamuu baatus dhukaasa kana booda wal gaarreffannaa hamaan jiraachuun barameera.
Waraanni faashistii PP dantaaf ijaarame yeroo adda addaatti walitti bu’iinsa mooraa isaanii keessatti uumamuun wal ajjeesaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, yeroo ammaa gochi kun hammaachuun milishoonni illee osoo hin hafne gareen wal dura dhaabbatanii walitti dhukaasuun tasgabbii wal dhorkaa jiraachuu odeessi keessoo isaanii nu qaqqabu ni addeessa.

