ONM-ABO Caamsaa 8, 2024
Maqaa garaa garaa itti maxxansuun hidhaa, saamichaa fi ajjeechaan ilmaan Oromoo dachee isaa irraa duguugaa kan jiru sirni dabaa bilxiginnaa, hiraarfama uummata irratti raawwachaa jiru daran jabeessuun yeroo irraa gara yerootti gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.
Ammas murnoonni badii Kun gocha diinummaa Oromoof qaban haalaan jabeessuun ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira kanaaf qabaa galchaa jechuun hidhaa fi saamicha irratti geggeessuun namoota nagaa siyaasa irraa walaba ta’an qe’ee isaaniitii qabuun mana hidhaatti galchanii dararaa hamtuu irratti agarsiisaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Haaluma kanaan Caamsaa 7, 2024 Godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee Ganda Hunxee Hololaa keessatti ilmaan keessan bosona jiran galchuu diddan jechuun uummata jumlaan hidhaa jiraachuu ibsan.
Namoota hidhaman keessaa ammaaf kan maqaan nu qaqqabe: Badhaanee Galgaluu, Abdurramaan Waanee Bariisoo, Kadir Fattoo, Yuusuuf Haaj Godaanaa, Amanoo Caaccoo, Makkoo Haaj Irboo, Abdallaa Wayyuu, fi Seefaadiyoon Abdurramaan kanneen jedhaman oggaa ta’u, namoota kana jalaas qabeenya isaanii osoo hin hambisin saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa himaniiru.





