• Tue. Nov 24th, 2026

Yuuniversitii Gambeelaa keessatti barattootni Oromoo 9 barattoota Nuweeriin miidhaman

May 14, 2024

ONM-ABO Caamsaa 11, 2024

Kaleessa Caamsaa 9 Yuuniversitii Gambeelaa keessatti okkora barattootni Nuweerii kaasaniin barattootni Oromoo 9 miidhamuu odeessi achi nu qaqqabe ni addeessa.

Haleellaa okkora barattootni Nuweerii Yuuniversitii Gambeelaa kaasan keessa barattoota Oromoo irratti fudhatame kanaan kan lubbuun darbe jiraachuu baatus miidhaan qaamaa ilmaan Oromoo kanneen irra ga’eera.

Gosootni Nuweerii fi Anyuwaak yeroo adda addaatti walitti bu’iinsa naannicha keessatti uumaa jiraniin lubbuun ilmaan Oromoo fi saboota biroo qe’ee akkasumas imala konkolaataan taasisan irratti akka salphatti ajjeefamaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply