• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba Lixa Shaggar aanaa Toleetti WBOn Zoonii Harsadee waraana diinaa 15 harkaan qabuun injifannoo boonsaa galmeesse

May 16, 2024

( Gabaasa guutuu )

ONM-ABO Caamsaa 13, 2024

Gootichi waraana bilisummaa Oromoo sirna gabroomsaa hundeen buqqisee saba isaa irreen abbaa ormaa itti ulfaatee jiru jalaa bilisa baasuuf loloota jajjaboo bakkoota dirqama fudhatee socho’uu hundaatti gaggeessuun ergamtootaa fi tiksitoota barcumaa aangoo sirnichaa akka baalaa harcaasaa jira.

Akkuma kanaan kaleessa Caamsaa 12, 2024 Godina Kibba  Lixa Shaggar aanaa Tolee gandoota akka Abeebee Sillaase, Lalisee fi Migira Iddii jedhu keessaatti WBOn mooraa Harsadee mooraa nyaaphaa sadii irratti guyyaa Saafaa sa’a 9:00 irratti itti cabsuun mooraa tokko guutuummaatti barbadeessee kaan harkaan qabee, kaan ajjeesuun, kaanis madeessee meeshaalee waraanaa garaagaraa, rasaasaa fi boombilee harkaa irra hiikuun galii godheera.

Lola kana keessattii loltoonni sirnichaa 123 rasaasa waraana bilisummaa Oromoon yoo ajjeefaaman,100 immoo madoon adabamuun, 15 harkaan qabamtee injifannoon boonsaa galmaa’eera.

Gama meeshaaleen PKM 1, AKM 40, Boombii harkaa 30, rasaasa PKM 600, reenjeerii 100 fi rasaasa AKM 800 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo  galii godheera.

Injifannoon Uummata Oromoof❗️

Leave a Reply