• Tue. Nov 17th, 2026

Godina Booranaatti barsiisaa suuraan Jaal Battee Urgeessaa irratti argame waraana faashistii PP’n hidhame

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 15, 2024

Godina Booranaa keessatti dhiibbaan karaa uumamaa fi namtolchee uummata irratti hammaataa ta’uun isaa beekamaa dha. Barsiisonni ammoo rakkoo ulfaataa kana hundumaa dandamachuun dhaloota qaraa kan jiran ta’us dhiibbaan ulfaataan irratti jabaatee jira.

Barsiisota haala hamaa fi bu’aa ba’iilee ulfaataa kana hundumaa Keessa dhaabbatanii barsiisaa oolan badhaasuu kan maluuf hidhaa fi dararaa gumaachaafiin sirni bilxiginnaa qorqalbii cabsanii godinichuma bakkeewwan adda addaatti hidhaan dararaa jiru.

Godina Booranaa aanaa Mi’ootti Ebla 16, 2024 barsiisaa maqaan isaa Biqilaa Taaddasuu jedhamu qabuun sababii suuraan Jaal Battee Urgeessaa bilbila isaa keessatti arganiif qofa “kun deggeraa WBO’ti” jechuun badii tokko malee waajjira poolisii aanichatti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ifoomsaaniiru.

Leave a Reply