ONM-ABO Caamsaa 13, 2024
Murni abbaa irree waan qabee waan gadhiisu wallaale bilxiginnaan impaayeerattii keessaatti gochoota murnootni biyya bulchan kamuu hin raawwanne gara laafina tokko malee uummata Oromoo irratti kan raawwataniif sababa waraanni Abiy fi kadiroonni isaa abdii kutannaa guddaa keessa galaniif uummata afaan qabsiisuu yaaluuf jecha uummaata nagaa irratti reebbichaa fi dararaa cimaa geessisaa jiru.
Haaluma kanaan dararaa fi reebichi uummata nagayaa irratti deemaa jiru bakkoota gargaraatti daraan kan jabaate yoo ta’u, godina Gujii lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ganda Daaya Daawwaa mana barumsaa Sookkee bakka marfata konkolaataa maandheffatee kan ture waraanni raayyaa ittisa impaayeeratti fi kaadiroonni PP maqaa deggartoota Waraana Bilisimma Oromoo jedhu uummata nagaatti maxxansuun hidhaa fi reebicha hamaa irratti kan geessisan yoo ta’u, namoota baay’ee miidhaan qaamaa cimaan irra gahuu jiraattota naannoo sanaa irraa mirkaneeffannerra.
Namoota humnoota badii bilxiginnaan miidhaan qaamaa cimaan irra ga’e keessaa kanneen maqaan nu ga’e:- Bokeeyyoo Kureessaa Bunaa, Caaltuu Asaffaa Cuqulaasaa, Dureettii Uddeessaa Mujee, Nettoo Danbalaa Guddataa, Tuukisii Bunoo Baasayee, Guyyee Jiloo Koncee namootan jedhaman ta’uun beekameera.
Humnoonni badisaa PP kun namoota miidhaa qaamaa hamaa irraan gahanii fi hidhan kana maatiin isaanii fi namni kamiyyuu akka dubbisuu hin dandeenye dhorkaniiru jechuun namoonni keessa beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


