ONM-ABO Caamsaa 14, 2024
“Namni baduuf ka’e nama galaafata” akkuma jedhan, waraanni maafi’aa PP yeroon xumura aangoo isaa hoggaa jala ga’u, uummata nagaa bakka adda addaatti dararaa jira.
Bifuma kanaanis aanaa Jimmaa Gannatii ganda Adii Leeqaa Tulluu Caalii irraa namoonni hedduun sababa Oromummaa isaanii qofaaf hidhamanii jiru.
Namootni maqaan isaanii: Addunyaa Raggaasaa, Dhibbashii Kitil, Barsiisaa Mokee Kabbadaa haadha isaa waliin, Faantuu, Guddinaa Dheeressaa, Xaasoo Qalbeessaa, Qixxaataa Raggaasaa, Eebbisaa Fiqaaduu, Geetinnet Maammoo, Wandimmuu Hinkoosaa, Fiixumaa Giiloo, Yooseef Taammanee fi kanneen biroo danuu ta’an torbee 2n kana jechuun gaafa Ebla 28, 2024 irraa qabee hidhamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees, aanichuma ganda Hundee Guddinaa keessaa namoonni maqaan isaanii: Hundumaa Gaanfuree, Taaddasaa Boyyosaa, Nagaasaa Daangul, Daffaaruu Beenyaa, Geetuu Taakkalaa, Daawwee Baqqalaa, Geetuu Baashaa, Nagaroo Gaaluu, Mirreessaa Wiirtuu, Tamasgeen Tarrafaa, Nagaasaa Baashaa fi kanneen biroo gaafa Caamsaa 04, 2024 qabamuun hanga ammaa mana hidhaa aanichaatti hiraarfamaa jiru.
Dabalataanis, waraanni maafi’aa kun, godinuma kana aanaa Jimmaa Raaree ganda Haroo Guutaa irraa nama maqaan isaa Dassaalee Goobanaa jedhamu gaafa Caamsaa 6, 2024 badii tokko malee qabuun sangoota 9 jalaa fuudhataniiru.
Ganda Baddaa Warqee irraa ammoo namoota 2 abbaa fi ilma kanneen maqaan isaanii Addisuu Ayyalaa fi Masfiin Addisuu jedhaman jalqaba ji’a Caamsaa keessa qabuun hidhaniiru.
Aanuma kana ganda Keeqquu Qaalluu irraa Dajanee Olaanaa Kan jedhamu sababa Oromummaa isaa qofaaf gaafa Caamsaa 6 waraana maafi’aa PP’n qabamee kan hidhamee fi sangoota 7 jalaa saamanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.


