ONM-ABO Caamsaa 13, 2024
Addatti ilmaan Oromoo irratti xiyyeeffachuun dirqamaan dargaggoota godina Jimmaa gara adda waraanaatti guuraa kan jiran lukkeeleen bilxiginnaa har’allee akkuma itti fufanitti jiru.
Godina Jimmaa aanaa Deedoo ganda Abdii Guddinaatti waraanni PP mana hawaasaa cabsuun dirqamaan gara adda waraanaatti fe’aa jiraachuun himuun, dargaggoonni 22 halkan tokkotti qabamanii buluus dabaluun ibsan.
Haaluma kanaan, namootni daa’imummaa qaban hunda itti guuraa kan jiran yemmuu ta’u, aanolee godinichaa keessaa dhiiraa fi dhalaa osoo hin jenne namuma argan humnaan qabanii geessaa jiraachuun beekameera.
Akka jiraattonni jedhanitti maatiin ilmaan isaanii gara itti geessan dhabuu fi qaama mirgoota namoomaa isaaniif falmu dhabuu irraan kan ka’e yaaddoo jireenyaa ulfaataa keessa galanii akka jiran ONMtti himaniiru.

