• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Harargee  aanaa Gammachiis keessatti namoota leenjii waraanaatti hin deemnu jedhan lama rasaasaan rukutuun beekame

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 18, 2024

Dachee Oromiyaa irraa dargaggoota Oromoo funaanee dhabamsiisuuf karoora jabaa qabatee kan jiru bilxiginnaan yeroo ammaa duulli daa’imman xixxiqqoo dabalatee gara leenjii waraanaatti fe’uun jabaatee kan jiru yoo ta’u namoota hin deemnu jedhan irratti miidhaan qaqqabaa jira.

Lixa Harargee aanaa Gammachiis araddaa Waleensuu Hidha Diimaa jedhamu keessatti gaafa Caamsaa 13, 2024 namoota maqaan isaanii Darribee fi Amaddiin jedhaman rasaasaan rukutuun namni Darribee jedhamu garaa irra rukutamuun yeroo ammaa hospitaala magaalaa Cirootti akka yaalamaa jiranis dubbatan.

Sirni dhiittaa mirgoota namoomaa uummata nagaa irratti geggeessaa jiru namuu leenjii waraanaa deemee sirnicha tiksuuf fedhii hin qabu taanaan rasaasaan waadanii akka bira darbanis ibsan.

Kaabinoonni fi milishoonni sirnichaa maallaqni guddaan nama tokko tokko irratti waan kaffalamuufiif jecha namoota gidirsaa akka jiranis dabaluun ibsuun, jaalala biyyaaf osoo hin taane maallaqa nama qaban sana irratti argataniif jecha akka haadha hiyyeessaa boochisaa jiranis barameera.

Leave a Reply