• Tue. Nov 24th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa Keessatti jiraataan tokko waraana faashistii PP’n ajjeefame

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 14, 2024

Ajjeechaan Oromoo irratti daran hammaatee itti fufuun murni gabroomfataan PP aangoo humnaan harkatti galfatee jiru namoota nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabne ba’aa fi gala dhorkuun Oromiyaa dirree dhiigaa gochuu irratti argama.

Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Boojjii Gaara-Arbaa jedhamutti qonnaan bulaa kan ta’e Hiisaa Duulaa Dinbaashaa nama jedhamu waraana raayyaa Ittisa impaayera Itoophiyaan haala suukanneessaa ta’een ajjeefamuu jiraattonni gandichaa ONMtti himan.

Hiisaan dhalataa aanaa Mana Sibuu ganda Dargee Toobbaraa ta’uu jiraattonni kan himuun, hojiidhaafis gara onichaa akka deemees dabaluun ibsan. Seera yakkaa fi adabbii ilma namaaf akka badii isaatti malu heerri impaayeratti osoo qabu nama nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa hin qabne kanas murtii seeraa tokko malee waraanni faashistiin kunneen Caamsaa 9, 2024 rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu.

Kabajni mirgoota namoomaa dhibuun cunqursaan daangaa hin qabnes Oromoota irratti ta’aa akka jirus jiraattonni dabaluun himaniiru.

Leave a Reply