• Thu. Nov 26th, 2026

Murni PP Oromiyaa dinagdee uummata laamshessuuf karoora baafachuun, Naqamteetti ammoo bilxiginnaan konfirensiin nagaa waldaalee amantii magaalaa Naqamtee geggeessuuf akka jiru barame

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 14, 2024

Walgayii dhoksaa PPn Oromiyaa maqaa mana maree nageenya Oromiyaa jedhuun qopheeffatan irratti tarsiimoo “galaanicha qoorsuu” jedhutti bakka baay’eetti akka itti milkaa’aa jiranii fi sanuma jabeessanii akka itti fufan kallattii ka’achuun ajjeechaan qe’ee Oromoo keessatti akka jabaatu murteessan.

Tarsiimoo galaana gogsuu kan lubbuu Oromoo obbaasuu xiyeeffate kana gara tarsiimoo dinagdeen qoorsuu jedhu itti dabaluun deggertootni WBO akka diinagdee hin horannee gochuu irratti akka hojjetan kallattii ka’atan.

Kunis 1ffaa kutaan hawaasaa kan dinagdeen giddugaleessa ta’anii ofirratti hirkatanii jiran (Middle class) ta’an akka hin jiraanne gochuudha kan jedhu murni faashistii PP, kunis warri deggeraa mootummaa ta’an gargaarsa mootummaatiin daran duroomanii garuu qabeenya isaanii tikfachuuf mootummaa jala akka hiriiran gochuu akka ta’e ifatti mari’atan.

Warra PP hin deggerre ammoo daldalaa, qotee bulaa fi hojjetaa mootummaa dinagdee harkatti rukutanii hiyyomsuu fi akka isaan WBOf hin gumaachine akkasumas jireenya isaaniif oli gadi fiiguun dhimma sabboonummaa, Oromummaa, bilisummaa fi abbaa biyyummaa jedhamu irraanfatan gochuun jabaatee akka irratti hojjetamu dhaammatan.

Kan lammaffaa maatii WBO fi warra kanaan dura deggertummaan beekaman sodaachisuu, dararuu, ajjeesuu, saamuu, qe’ee irraa buqqisuu fi gudeeddii raawwachuun uummata isa hafe rifaasisuu inni jedhus tarsiimoo uummaticha laaffisuun milkoomina qurxummicha qabuuf ooluudha jechuun mari’atan.

Marii kanas maqaa mana maree nageenyaan koree nageenyaa barcuma Abiy Ahimedfaa tiksuuf bobbaafamanii namoota ijoo ajjeesaa jiraniin cinaatti duulli waraanaa fi kaabinootaa dinagdee uummataa laamshessuuf akka bobbaafaman odeessi keessoo isaaniitii nu qaqqabe ni addeessa.

Oduu biraatiin ammoo murni goyomsaa siyaasaa manneen amantii keessa galche, abbootiin amantii hojii bilxiginnaa deggeruu malee abaaruu akka hin qabnetti tarsiimoo diriirse hojjechaa jiru, bulchiinsa magaalaa Naqamtee istaadiyeemiitti waldaalee amantaa kiristaanaa adda addaa irraa walitti dhufuun nagaaf kadhachuun mootummaa jajjabeessuuf Kamisa dhufutti kallattii fudhatanii qophaa’aa jiraachuun dhaga’ameera.

Haa ta’u malee waldaaleen amantii bulchiinsa magaalaa Naqamteetti bara 2022 Saasiggaatti finxaaleyyii Amaaraan amantootni yeroo ajjeefaman, dhiyeenya kana Sibuu Siree keessatti waraana faashistii PPn daandii gubbaatti otoo waldaa galanii yeroo ajjeefaman callisanii ilaaluun ni beekama.

Leave a Reply