ONM-ABO Caamsaa 14, 2024
Sirni bulchiinsa isaa harkatti laamsha’e murni PP olii fi gadi fiigee waan qabatu dhabuun tooftaalee siyaasaa kan biraa qopheessina jechuun caasaalee isaanii bifa hawaasaan basaasummaaf qopheessaa jira.
Shiraa fi hammina sirna moofaa abboota irree impaayeratti qabatee kan sochu’u bilxiginnaan karoorri inni ittiin uummata cabsee bulchuuf baafatu hunduu harkaa rukutamuun sammuu wal joonjessaa oolu.
Bifuma kanaan Caamsaa 9, 2024 hanga waaree duraatti caasaalee isaa wajjin Wal ga’ii dhoksaa Mootummaa Naannoo Harar magaalaa Hararii keessatti geggeessaa turaniin Caasaalee isaanii kanneen Akka Poolisii Idilee, Poolisii Federaalaa, fi Raayyaa Ittisaa keessaa funaanuun uffata siivilii itti gochuun bifa hawaasaan baasasummaaf qopheessaa turan Caamsaa 15 irraa eegaluun uummatatti bobbaasuuf jechaa akka jiran odeessi qaamolee PP walga’icha hirmaachaa turan irraa nu dhaqqabe ni addeessa.
Gochoota kanas bakkeewwan akka hoteelaa, bakka gabaa namoonni heddumminaan argamanii fi bajaajii keessa taa’anii sirboota warraaqsaa dhageeffachuun namoota qabachuu, bifa abbootii amantiin nama waa’ee amantaa barsiisuu fakkaachuun mootummaa abbaa irree kana of irraa fonqolchuu qabnaa fi du’aa’iitti hirmaatan adda baasuu akkasumas qabsaa’aa fi sabboonaa ofi fakkeessanii uummatatti dhiyaachuun uummata baasaasanii hisiisuuf akka jiran barameera.
Kanaafuu namoonni quuqama Oromummaa qaban kanneen magaalaa Hararii fi magaalota Oromiyaa keessa jiraatan of eeggannoo jabaa akka taasisuu qaban qaamonni walga’ii sana hirmaachaa turan Arraata biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




