• Wed. Jul 29th, 2026

Godina Baha Wallaggaa onoota adda addaatti jiraattonni waraana faashistii PP fi finxaaleeyyiii Amaaraa Faannoon hiraarfamaa jiraachuu himatu

May 29, 2024

ONM-ABO Caamsaa 20, 2024

Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti humnoonni finxaaleyyii Amaaraa Faannoon konkolaataa keessaa hawaasa buusuun miidhaa qaamaa guddaa irraan ga’uun beekame.

Caamsaa 18, 2024 ganda Bareedduu karaa Fixi-Baqqoo Waajjaa keessaa bakka addaa Dhagaa Quuddoo jedhamutti finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon konkolaataa uummataa aanaa Limmuu magaalaa Galiilaa irraa gara Naqamtee imalaa ture haleeluun miidhaa guddaa namoota ja’arraan qaqqabsiisuu namoonni ijaan argan himan.

Miidhaan kunis, haleellaa humni shiftaa Faannoo geessiseen konkolaachisaa dabalatee namoonni 6 rasaasaan rukkutamuun yeroo ammaa Hospitaala Riferaalaa Naqamtee kan jiran yommuu ta’u, namoonni rasaasaan rukkutaman kunneenis: Gaaddisaa Abbabaa, Faqqadaa Salbaanee, Faqqaduu fi kanneen biroo 3 irraan miidhaan cimaa qaqqabee jira.

Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo aanaa Limmuu ganda Mukarbaa Diimaa bakka addaa Laaftoo Kuttii jedhamutti nama maqaan isaa ‘Obbo Dassaalee Waaqjiraa’ jedhamu gaafa Caamsaa 17, 2024 rasaasa 50 ol itti dhukaasuun marsanii erga qabanii booda, “WBO qabanne” jechuun itti naanna’anii sirbaa gara Waajjira Poolisii aanaa Limmuutti geessuun himameera.

Obbo Dassaaleen abbaa ijoollee 5 yommuu ta’u, hojii dhuunfaa isaa malee hojii siyaasaa kam keessa akka jirre jiraattonni isa beekan ONM’tti dubbataniiru.

Dabalataanis, godinuma kana aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Aliitoo Waradii jedhamu keessaa nama maqaan isaa ‘Obbo Tamasgeen Abdiisaa” jedhamu “gatii WLQO fidi” jechuun Caamsaa 17, 2024 hidhanii jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading