• Wed. Jul 29th, 2026

Waraanni Rippabiliika Diimokiraatawaa Koongoo yaalii fonqolcha mootummaa Kinshaasaatti taasifame fashaleessineerraa jedhe

May 29, 2024

ONM-ABO Caamsaa 20, 2024

Waraanni Rippabiliika Diimokiraatawaa Koongoo Wiixata kaleessaa yaalii fonqolcha mootummaa naannoo waajjiraalee Pirezidaantii Feeliks Tsihisekedi Kiinshaasaatti lammiilee biyya alaa fi lammiilee Koongoo hirmaachise fashaleessuu isaa dubbi himaan raayyaa ittisa biyyaa himaniiru.

Eegdonni Rippabilikaan Koongoo fi poolisiin Caamsaa 19, 2024 Kiinshaasa kutaa Gombee keessatti yaaliin Fonqolcha mootummaa naannoo bakka yaaliin raawwatameetti daandii cufaniiru.

Haalli fonqolcha mootummaa kun kan raawwatame ganama barii mana jireenyaa ministeera dinagdee Vital Kamerhe, naannoo Gombee kaaba magaalaa guddootti, naannoo Paalaas de la Nation kan waajjiraalee pirezidaantichaa of keessaa qabutti.

Jeneraal Sayilivayin Ekengeen ergaa televijiinii biyyaalessaa irratti taasiisaniin yaaliin fonqolcha mootummaa humnoota ittisaa fi tikaatiin dhaabameera jechuun dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis lammiileen biyya alaa fi Koongoo hoogganaa isaanii dabalatee kana booda hundi isaanii miidhaa tokkollee hin geessisan jedhan.

Yeroo yaaliin fonqolcha mootummaa kun godhamu naannoo Paalaas de la Nation jedhamuttis dhukaasni dhaga’amuu maddeen hedduun ni mul’isu.

Ekengeen yaalii fonqolcha mootummaa kana ilaalchisee ibsa dabalataa hin kennine.

Ambaasaaddarri Ameerikaa Luusii Taamliin taateewwan ganama har’aa raawwatamaniin rifadheera, gabaasa lammiilee Ameerikaa dhimmicha keessa jiran jedhaman baay’ee na yaaddesse, jechuun maxxanseera.

Gabaasni miidiyaa hawaasaa irratti naanna’uu kan jalqabe ganama barii namoota hidhataniin mana Kamerhe irratti haleellaa raawwatameen yoo ta’u, isaan keessaa tokko tokko sana booda gara Paalaas de la Nation deeman.

Kamerhe’n hin miidhamne garuu poolisoonni lamaa fi namni haleellaa raawwate tokko akka maddeen jedhanitti ajjeefamaniiru jechuun France 24 gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading