• Tue. Nov 24th, 2026

Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti hidhaa fi saamichi hammaachuu jiraattotni ONM’tti himan

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 22, 2024

Xiyyeeffannoon mataa bilxiginnaa kolonel Abiy Ahimed uummata Oromoo kallattii hundaan dadhabsiisuu yoo ta’u, namoota hedduus haala suukkanneessaan manneen hidhaatti galchanii dararuu fi yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa ol ka’ee jiru kanatti uummanni garmalee saamamuun hojii idilee ta’ee jira.

Gaaga’ama ulfaataa keessummeessaa kan jiru uummanni Oromoo lafa deeman cufatti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi reebichi daangaa hin qabne irratti geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u namuu manaa ba’uuf hedduu rakkata.

Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii ganda 01 keessaa Caamsaa 18, 2024 dargaggoo Addisuu Galaashee jedhamu sababa tokko malee qabuun mana hiraarsaa magaalichaatti hidhanii dararaa akka jiran jiraattonni ibsan.

Dargaggoon kun siyaasa irraa bilisa kan ta’ee fi ijuma shakkiin ilaalamuun akka qabanii hidhan dubbachuun, sirnichi Ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an mana hiraarsaa magaalichaatti naqee dararaa akka jiruu fi dhukkubsattootni illee yaala dhorkamuun hedduu rakkataa jiru.

Kana malees hidhattootni sirnichaa nama nagaa tokko  kan baadiyyaa aanichaa irraa sangaa bitachuu dhufe irraa qarshii 60,000 fudhachuun maanguddoo kanas boochisaa turuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply